welcome to Hararge Branch

Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti Dameen Harargee magaalaa guddoo godina harargee lixaatti, magaalaa finffinnee irraa kiloometira 326 gara bahaatti fagaatee magaala cirootti argamtii.

Akkaataa Dambii lakk. 122/2001 Caffee Motummaa Naannoo Oromiyaan tumameen Damee keenyaaf lafti konseeshinii dhaan nuuf keenamee hektaara 36,419 ta’uulee yeroo ammaa lafti bulchaa jiruu gara heektaara 60,721 dha. hojii daangeessu hanga ammaa raawwatameen hektaara 40,194.725 irra deebbiin daangeefame adda bahe jira. Ragaan hanga amma qabnu akka mulisutti hektaari  37,427.16   bosonaa Uumama, hektaari    Bosonaa Namaan Misoome, hektaari        amo fulduratti lafa Misooma Bosonaaf olu danda’uu akka ta’ee yamu tilmaamamu lafti hektaari  garu kunuunfame gara Bosonaa uumamatti jijiramu danda’uu fi misooma Bineensa Bosonaaf olu danda’uu ta’aahojii Misooma, Eegumsa fi Itti fayyadama Bosonaa fi Bineensa Bosonaa raawwachaa jira. Dameen kuni Distriktoota afur  of jalaa qaba. Isaanis

  1. Distriktii Dindin Harargee Lixaa keessatti kan argamtuu dame irraa 135km fagaatee gara dhihaatti kan argamuu yommuu ta’uu magaala finffinnee irraa 312km fagaatee kan argamtuu fi lafa bosonaa fi bineensa bosonaa bal’aa fi warshaa mukaa lamaa carraa hojii bal’aa hawaasa naannootiif kan banne qabdi.,
  2. . Distiriktii Jallo Muktaar Hadas Harargee Lixaa magaalaa ciroo keessatti kan argamtuu yommuu ta’uu magaala finffinnee irraa 324km fagaatee kan argamtuu fi lafa bosonaa fi bineensa bosonaa bal’aa fi lafa to’annoo adamoo sorooroo torgamii simbirootaa fi bineensoota ijjoo biyyattii keessatti qofa argaman kanneen akka Gadamsa baddaa, Gaddamsa Gomojjii fi kanneen biro baayinnaan kan qabduu dha.,
  3. Distriktiin Gaara Mul’ataa dame irraa 239km fagaatee gara bahaatti kan argamuu yommuu ta’uu magaala finffinnee irraa 565km fagaatee godina harargee bahaa magaala gurawaatti kan argamtuu fi lafa bosonaa fi iddoo seena qabeessa kan akka mana hidhaa lij iyyaassuu carraa hojii bal’aa hawaasa naannootiif kan umee qabdi.
  4. Distriktiin Jaarso Gursum dame irraa 246km fagaatee gara bahaatti kan argamuu yommuu ta’uu magaala finffinnee irraa 572km fagaatee godina harargee bahaa magaala Ejarsa Goorootti  kan argamtuu fi lafa bosonaa bal’aa fi iddoo seena qabeessa kan akka gaara qundooddoo fardeen umamaa irra jiraattuu carraa hojii bal’aa hawaasa naannootiif kan umee qabdi. Walumaagallatti Godinaalee 3 (Harargee Bahaa, H/Lixaafi Arsi Bahaa ) keessattiifi  aanaalee 18 fi Araddoota 159 keessatti lafa bosonaafi iddo jireenya bineensa bosonaa  dabalatee dameen keenyaan lafa  daangeeffamte waliigala Heekt. 60,721 tahu irratti hojii gaggeessaa  Dameen Harargee humna namaa hojjataa dhaabbii 143 (Dhira 123 ,Dub 19)Hojjataa kontiraataa 105 (Dhira 104 ,Dub 1)w/gala hojjataa 248 fi hojjattoota guyyaa kumaatamaan lakkaa’amuuf carraa hojii kanneen akka buufata biqiltuu, dhaabbii biqiltuu, kunuunsa biqiltuu irratti qaxaree kan hojjachiisuu yommuu ta’uu hojii dhabdoota imx’n gurmaa’aniif hojii daldala bu’aa bosonaa bannuun fayyadamaa taasiisaa jira kana malees hawaasa naannoo bosonaatiif hirmaannaa miira abbummaa umuuf galii bu’aa bosonaa irraa qooda hawaasaa 5%  kan kennamaa jiruu fi qooda hawaasaa galii bineensa bosonaa irraa 60% argachuun bu’uuraalee misoomaa gutachaa kan jiran ta’uu isaati.

Dameen keenya koleejjii lama harargee lixaa aanaa gamachisi fi harargee bahaa calanqoo irratti kan jaarree ta’uu isaa

Kilinika fayyaa beeyladaa harargee bahaa aanaa gurawaatiif kan ijaarree ta’uu isaa

Gaafa galmii odaa buultuum hojjatamuus leeymana qarshii kuma dhibbaa olii deeggarsaan kennee jira

Biiroo qonnaa waliin ta’uun immaamata oromiyaa galaana dammaa gonna jadhuuniis gaaggurii ammayyaa akka hojjatamuu omisha xaawulaa gosa gaagura ammayyaaf ta’uu deeggarsa kan godhee ta’uu

Dhaddacha mana murtii ol’aanaa godina harargee lixaa ijaaruuf deeggarsa gaaffatameennis xaawulaa  qarshii kuma shantamaa ol deeggarsa godhuun dameen keenya hojii bonsaa saboonummaa  raawwachisaa jira.

Our Products

Timber

Timber production in Oromia Hararge

Lumber

Lumber production in Oromia Hararge

Forestation

Forest conservation in oromia hararge

“Original and with an innate understanding of their customer’s needs, the team at Love Nature are always a pleasure to work with.”

Choose Us

We hope that we are your choice ,Because of we produce quality products 

QUESTIONS?

Whether you’re curious about features, a free trial, or even press, we’re here to answer any questions.