wel come to
Jima branch

Seensa

Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosona Oromiyaatti waajirri damee Jimmaa dameewwn kaan dhaabbata Bosonaa fi bineensa Bosonaa jala jiran yeroo dhaabbatni Bosonaa fi Bineensi bosona oromiyaa yeroo labsii 122/2001’n hundaa’u kan ture dha.Dameen Jimmaa Distriktii Shan kan of-jalatti bulchaa jiru yemmuu ta’u isaanis Aanaalee Godina Jimmaa adda addaa keessatti kan argaman ta’ee maqaan isaaniis, Distriktii Botor Bachoo,Distriktii Xiroo Abbalti,Distriktii Baabiyaa Follaa,Distriktii Ballaxaa Geeraa fi Distriktii Sigimoo Saxxammaa jedhamanii beekamu.

Haala teesuma lafaa (Location)

W/ri Damee Jimmaa magaala guddoo biyyatti Finfiinnee irraa kallatti Kibba lixaatiin fageenya KM 342 irratti argama. W/ri Damee magaalaa Jimmaa keessatti kan argamuu yammuu ta’uu; teessuma lafaa gidduu-galeessan (Ranging geographical location) 70 40’ 00” laatitudii kaabaa fi 360 49’ 59” loongitudii bahaatiin kibba-lixa Oroomiyaa irratti kan argamu ta’ee daangaan isaa gutumaan gutuutti Goodina Jimmaa keessatti argama. Dameen Jimmaa Distririktoota Shanitti kan qoodamuu yammuu ta’uu; isaanis, Botor Bachoo, Baabiyaa Follaa, Ballaxaa Geraa, Sigmoo Saxxammaa fi Xiroo Abbaltii dha.

Bal’ina lafaa (Area)

Dameen Jimmaa lafa bosona uumamaa hektaara 284,475.024 fi lafa bosona nam-tolchee hektaara 8,429.543,waliigala lafa bosona nam-tolchee fi uumaamaa hektaara 292,904.567 Distriktota shanan jala jiran keessatti argamu buclaa jira. uumamaati.

Damee Jimmaa Distiriktoota shan qabuu kessatti Baldhina Bosonaa hektaaran akka gabatee armaan gadiitti jiruun Bulchaa Jira..

Lakk

Distiriktii

Bosona namaan misoome (Hek)

Plantation (ha)

Bosona Uumamaa (Hek)

Natural Forest (ha)

1.

Botor Bachoo

1,427.095

31,909.0669

2.

Baabiyaa Follaa

2,691.551

11,798.167

3.

Ballaxaa Geraa

2,055.064

121,391.798

4.

Sigmoo Saxxammaa

809.502

69,809.621

5.

Xiroo Abbaltii

2,691.551

11,798.167

Ida’aama

 

8,429.543                                        

284,475.024

 

Haala Qileensaa (Climate)

Koonseshiniin lafa bosona Damee Jimmaa naannoo rooba cimaa argatuu fi irra guddeessaan hala qileensa naannoo badda-daree fi baddaa keessatti kan argamuu yammuu ta’uu; iddoowwan muraasa Distirktii Botor Bachoo kallatti bahatiin Aanaa Botor Xolaay fi Distirktii Xiroo Abbaltii  gara bahatiin naannoo bosona Gibee keessa haala qileensa gammoojjii keessatti kufani argamu. Waqtileen jidhinsaa (wet season) naannoo bosona Damee Jimmaa ji’a Waxabajjii irraa kaaseee hanga Hagayyaatti kan itti fufuu yoo ta’uu; rooba cimaa ji’a Adooleessaa fi Haggayya keessati argatu.

Biqiloota (Vegetation)

Hallii argama biqilootaa ykn gosa mukoota adda addaa naannoo Bosona Damee Jimmaa irra guddeessaan ol-ka’inasa lafaa, haala qileensaa, haala robaa fi goosa biyyee (parent material) irratti hundaa’aani argamu. Goosti muka gurguddoo Bosona Uumamaa keessatti argaman kan akka Birbirsa, Waddeessa, Bakkaniisa, Omoo, Baddeessaa, Hambabeessa, Lookoo fi Qararoo jedhamu gosa mukaa baay’inaa fi tamsa’ina olaanaan argamu dha.

Bosona Uumamaa Distriktii Botor Bachoo

Damee Jimmaa keessatti Dhaabbiin biqiltuu baldhiinaan kan gaggeefamaa ture yammu ta’uu; keessattuu goosti sanyii mukaa Gaattiraa faranjii (Cupressus lustanica) fi Paayinas Paachullaa (pinus pacula) dhaabbiin isaa baldhinaan raawwatamaa tureera.

Biqiltuu dhabatee fi Bosona Uumamaa Distriktii B/Bachoo

Qabeenyi bosonaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosnonaa Dameewwan garaa garaa keessatti bulchaa jiruu guddina dinagdee biyyaa fi naannoo keessatti qooda olaanaa qaba. Qooda bu’aa dinagdee kana kessatti Dameen Jimmaa omishaalee garaa garaa omisha bu’aa bosonaa fi omisha bu’aa bosona hin taane (non timber production) omishuun qooda isaa bahachaa jira.

bu’aa bosona hin taane (non timber production) omishuun qooda isaa bahachaa jira.

Omisha bu’aa bosonaa Damee Jimmaa:-

  • Gudeelcha Paayinas paachullaa
  • Gudeelcha Gaattiraa Farnajii
  • Xaawulaa Gaattiraa Faranjii fi paayias Paachullaa
  • Eucalyptus logs, construction, fire woods
  • Utubaa humna ibsaa baargamoo (Eucalyptus spp)

Biqiltuu Buufata Biqiltuu Distriktii Baabiyaa Follaa

Omisha bu’aa bosonaa muka hin taane (Jimma Branch non timber production)

  • Damma (Honey)
  • Buna Bosonaa (Organic Forest Coffee)
  • Biqiltuu mukaa goosa garaagaraa (Different seedlings)
Biqiltuu Gaattiraa Faranjii Distirktii Sigmoo Saxxammaa

Omisha work-shooppii (Work shop production)

Fresh Coffee

Fresh & Healthy

100% Organic

Come & Visit Us

Jimma Zone is one of coffee growing zones in the Oromia Regional State. Coffee is the major cash crop of the Zone, which is produced in the eight woredas namely, Gomma, Manna, Gera, Limmu Kossa, Limmu Seka, Seka Chokorsa, Kersa and Dedo. And also Jimma is known for the origin and wide diversity of Arabica coffee.